Sareen guddifattan ollaatti isin jelaa galtee beektii?

Sareen guddifattan ollaatti isin jelaa galtee beektii?

Author: Yohanis Hundessa June 12, 2021 Duration: 3:31
Sareen guddifattan ollaatti isin jelaa galtee beektii? Dur saree muraasa qabna turre. Isaan keessaa tokko maqaansaa "Maaftuquu" kan jedhamutu ture. Harkumaan isa guddifneetu, ollaaf laanne. Ollaatu somba guyyuma lamaan tokko kenninaaniif haratee achitti gale. Akkuma cira nun beeknee ta'uutti ka'e. Keenya, mana keenyatti guddate. Garuu, ollaadhaaf qalamee fi jaljeessa midhaanirraa eega. Halkanimmoo, eenyuun haa ta'u, numa warra isa guddises dabalatee, yoo nuti karaa ollaa sana dabarre, isaaniif duta; saruma guddifnetu sombaaf jedhee nutti duta. Jerri maqaasaallee hin geeddarre. Gaafa nuti waamnu, yoo baay'ate eegeema raasee dhiisa. Somba bare. Ormoo silaa ormaa, gaaf tokko akka yeroo jalqabaa ta'uufii didee huuqqachuutti ka'e. Baajati sobaa, kan sombaa sun akka durii ta'uu dide. Silaa sareen qaanii maalitti beektii mitii, lolloqaa dhufe. Balbalaa gaafa aabbaan banee gadi bahu, eegee lus godhee, mataa gad qabatee miila jela ciise. "Waa jiraa haa nyaatuu; deebi'ee dhufee Maaftuquun?" jedhe. Aayyoonimmoo, "nuti somba irraa hafaas soba guyyaa saafaas hin qabnu. Lafuma turetti haa deebi'u" jettee utuu afaanii hin fixin immoo, garaan haadhaa laafaadha, maxinooma qabnu tokko itti darbatte. Sallaq godhee, quuffatee, xiqqoommoo turee ollaatti deebi'e. Ollaan, eessa turte jedhanii of biraa kollolleessanii ari'an. Ittuu garaa itti jabaachuutti ka'an. Akka duraanii maaltu isa amanaree... Eessa dhaqaree, ammas qaanii malee deebi'ee dhufe. Waanuma argate nyaatee, utuu olii gadi labuu, utuu ganda keessa luffisuu, gaaf tokko afaan waraabessaa bu'e. Maaftuquun akka maqaa hin taane; irbaata furdaa barbaachatu irbaata furdaa waraabessaa ta'e. Galgalli namaa akka galgala saree keenya Maaftuquu hin ta'in...

Yohanis Hundessa jedha Reality talk show jedhu kan dubbisi. Kanaaf, kunis kan barreeffama hawaasaa, aadaa, fi haala namoota hundaa irratti xiyyeeffatu. Dubbistan kun sirna waliigalaa fi haala jireenya namootaa adda addaa kan ilaalu yoo ta'u, haasawa sirrii fi dhugaa dhiyaate irratti hunda'uudha. Kanas, gaaffilee hawaasaa fi ofii ofiif kan maddisiisu ta'ee, yaada walqabatanii fi wal hin qabne dhiyaatu. Dubbiftootaaf, haala namootni addunyaa kana keessatti walqunnaman, wal dhaban, fi haala waliin jiraatan akka ilaalan ni dandeessu. Haasawa aadaa fi amantaa, jireenya guyyaa guyyaa, fi seenaa lubbuu namootaa irratti kan xiyyeeffatu yoo ta'u, dhugaa hawaasaa keessatti argamu irratti hirmaata. Dubbistan kunis, namoota hawaasa Oromoo fi birootis akka dubbifamu, haala haasawa gadi fagoo fi sirrii ta'een. Yeroo dubbisa kana dhaggeeffattan, sagalee Yohanis Hundessaa dhaggeeffattu, kan haasawa gahaa fi mi'aawaa dhiyaatu. Kana malees, dubbistan kun odeeffannoo fi yaada namoota adda addaa kan fide yoo ta'u, haala hawaasaa fi jireenya namootaa akka ilaalu godha. Dhugaan hawaasaa keessatti argamu akka mul'atu fi namoota akka bilisomsu kan dubbatu ta'uudha.
Author: Language: Oromo Episodes: 5

Reality talk show
Podcast Episodes
CAL JEDHII dhaggeeffadhu [not-audio_url] [/not-audio_url]

Duration: 4:57
#CAL #JEDHII #dhaggeeffadhu Dubbattee madaatti,madaa dabaluurra cal jechuu filadhu.dubbattee diiguu keerra cal jechuun keeyyuu ijaarsadha.sababnisaa afaankee homaa waa ijaaaruu hin beeku yoo ta'ee diigeetu dhoqqeen maka.…